Jaal Garramaan nama qajeelaa, kan nama hunda wal qixatti ilaalu, kan jireenya isaa caalaa jireenya saba isaa caalchifatuu fi obsa guddaa qabuu dha.
๐ฆ๐๐๐ก๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐ ๐๐๐ฅ๐ฅ๐๐ ๐๐ ๐๐๐๐ ๐๐๐ฆ๐ฆ๐๐

Jaal Garramaa Galmeessaa Abbaa isaa Obbo Galmeessaa Girgoo fi Harmee isaa Aadde Dasii Lataa irraa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Ona Jimmaa Raaree Ganda Bor-Caalaa Gocor keessatti bara 1970 dhalate.
Jaal Garramaan obbolaa dhiiraa 3 fi obbolaa dubraa 7 waliin maatii warra guddaa fi kabajamoo keessaa dhalate.
Yeroo umuriin isaa barumsaaf dhaqqabu sadarkaa 1ffaa fi gidduu galaa kutaa 1-8tti ganduma dhaloota isaa mana barumsaa Babal’aatti baratan. Sadarkaa lammaffaa kutaa 9-12 Godina Shawaa Lixaa mana barumsaa Geedootti baratan.
Jaal Garramaan barumsa isaatti Cimaa waan tureef qabxii olaanaa fiduun ‘University Arbaa Miinciitti ‘Water Technology-Injineering’ utuu baratuu akkuma barame mootummaan Itiyoophiyaa barattoota Oromoo quuqama saba isaanii qabanii fi eenyummaa isaaniif dammaqiinsa qaban irratti waan xiyyeeffateef Jaal Garramaanis mana barumsaa sana keessatti dhiibbaan addaa waan irra gaโeef, mana barumsaa Yuniversitii irraa hariโame.
Erga mana barumsaa irraa hariโamees Sababoota dhiibbaa karaa mootummaa irratti qaqqabeen naannoo dhaloota isaa jiraachuu dadhabee bakka biraa deemee Kolleejjii Barsiisotaa galuun barnoota ogummaa barsiisummaan eebbifamee, Barsiisaa taโee naannoo Kibba Oromiyaa Godina Booranaatti Ona Yaabelloo mana barumsaa Meeggaatti ramadamee hojii barsiisummaadhaan saba isaa tajaajilaa ture.
Osoo hojii barsiisummaa irra jiruu haadha manaa isaa Aadde Urgooftuu Itichaa waliin gaayila godhatan. Gaayela godhatanii achuma Ona Yaabelloo utuu waliin jiraatanii haalli sochii qabsoo bilisummaa Oromoo haalaan Oromiyaa keessatti cimaa dhufuu irraan kan kaโe, mootummaan sabboontota Oromoo irratti xiyyeeffannoo waan godheef, Jaal Garramaa irrattis xiyyeeffannoo addaa godhee waan adamsuu eegaleef hojii barsiisummaa isaa dhiisee akka biyya abbaa isaa gadhiisee gara biyya baqaa Keeniyaa Naayiroobiitti baโudhaan qabsoo saba isaas ifatti akka qooda keessaa fudhatu murteesse.
Haaluma kanaan jireenya baqattummaa keessatti qabsoo saba isaa kan duraan dhoksaan irratti hirmaachaa ture ifatti qooda keessa fudhachaa, jireenya biyya baqaa keessattis qabsoo saba isaa galmaan gaโuudhaaf murteeffatee hojjechuu jalqabe.
Bara 2001 yeroo jalqabaaf maandhee ABO biyya Keeniyaa magaalaa Naayiroobii keessatti ijaarame keessaa maandheen Jaal Garramaa isa jalqabaa ture. Jaal Garramaan erga bara 2001 maandhee taโee magaalaa Naayiroobiitti ijaarame irraa kaasee dirqamaa fi gaafatama addaa addaa fudhachuun qabsoo Oromoo keessatti qooda isaa baโachaa ture. Jaal Garramaan gaafatamaa jaarmiyaa, hawaasummaa, leenjisaa dabballee fi koree bulchiinsa ABO kan biyya Keeniyaa keessatti sadarkaa addaa addaatti dirqama isaa nuffaa fi dadhabbii tokko malee baโachaa ture.
Biyya Keeniyaa keessatti kaayyoo biyyaa isa baafte qabatee cichoominaan hojiilee Oromoo walitti qabuu fi hawaasa Oromoo ijaaruudhaan Oromoon biyya baqaa keessatti hawaasummaa isaa akka jabeeffatuu fi qabsoo bilisummaa Oromoof tumsa barbaachisu akka godhan qindeessaa ture. Jaal Garramaan Ijaarsaa fi tumsa hawaasaa keessattis hojii boonsaa fi guddaa hojjete.
Bara 2008 yeroo jeequmsi qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti uumame keessatti Jaal Garramaan rakkoolee hedduu keessummeessaa ture. Yeroo qaamni tika mootummaa Itiyoophiyaa fi Keeniyaan waliin taโuun qabsaaโota Oromoo adamsaa turan keessatti Jaal Garramaan qaama tikaa mootummaatiin ramadamanii isa barbaadan jalaa haala ulfaataa fi rakkisaa keessummeessee akka keessa darbe seenaan isaa ni ibsa. Hawaasni Oromoo ilaalcha siyaasaatiin hundee hawaasummaa isaa akka hin gadhiifne tokkummaa isaa akka jabeeffatuuf tumsii fi qoonni Jaal Garramaan kennaa ture guddaa fi olโaanaa ture.
Hojiilee hojjeteen nama murannoo fi kutannoo cichaa qabsoo ta’uudhaan nama yeroo dheeraa tajaajilee fi milkii gurguddoo agarsiise tahuu naamonnii fi hawaasni Oromoo biyya baqaa sana keessa turan hundi ragaa bahu.
Jaal Garramaan qabsoo bilisummaa Oromoo jiruu fi jireenya isaa guyyuu godhate gara biyya sadaffaatti akka baโuuf illee gaafatamu didaa ture; haa taโu garuu dhuma irratti nageenya isaaf sodaachisuu irraa dhiibbaa karaa adda addaan irratti godhameen akka gara biyya sadeffaa deemu murteessee haadha warraa isaa Jaal Urgooftuu Itichaa wajjiin Jalqaba bara 2010 gara biyya Kanaadaaa dhaquun magaalaa Winnipeg qubatan.
Jaal Garramaan akkuma biyya Kanaadaa dhaqeen ammas dirqama qabsoo saba isaa itti fufe. Konyaa Jaal Guutamaa Hawaas keessatti hirmaachuudhaan hojii qabsoon barbaaddu hunda baโachaa ture. Deemsa kana keessatti koree konyaa taโee dirqama isaa baโachaa turee, booda irratti dura taaโaa konyaa Jaal Guutamaa Hawaas taโuun waggoota 4f tajaajilaa ture. Achi irraa gara koree kutaa Kanaadaatti ramadamee gaafatamaa jaarmiyaa kutaa fi hawaasummaa taโee tajaajilaa ture.
Jaal Garramaan nama qajeelaa, kan nama hunda wal qixatti ilaalu, kan jireenya isaa caalaa jireenya saba isaa caalchifatuu fi obsa guddaa qabuu dha.
Jaal Garramaan hanga gaafa lubbuun isaa addunyaa kana irraa darbituutti, qabsoo kanaaf utubaa, cichaa, murataa fi nama kaayyoo isaatti sibiila caalaa jabaatu tura.
Wagga lamaan kana dhukkubsatee jireenyi isaa hospitaalaa fi siree mana isaa yeroo ture keessattillee, maaloo adaraa qabsoo kana jabeessaa; hawaasa kana ijaaraa jedhee dhimma qabsoo fi saba isaa dhaammataa ture.
Jaal Garramaan dhukkubsatee waldhaanamaa turus irraa fayyuu dadhabuudhaan Mudde 21,2022 Kanadaa Winipegitti boqote.
Egaa Jaal Garramaan kanaa booda hawaasa Oromoodhaanis taโe jaallan isaan dhaamsa walgayii, guyyaa WBO, guyyaa Goototaa, bara haaraa fi waamicha hiriira baโaa, saba keessaniif sagalee taโaa jedhee ergaadhaanis taโe bilbilaan waamuu bakka hin dandeenye dhaqee jira.
Jaallan Jaal Garramaa waliin hojjechaa turan, kaayyoo fi akeeka ati itti dhamaโaa fi rakkachaa turte galmaan gaโuuf waadaa haaromsannee qabsoo saba keetii ati itti ifaajjaa turte galmaan ni geenya jedhaniiru. Lubbuun kee haa jennatu, seenaan barabaraan si yaadatti, nagaan boqodhu jechuun jaallan isaa fi hawaasni inni baโaa fi imaanaa itti dhiifatee deeme miira gaddaan mararfannoo qabaniif mulโisaniiru.
Qabsaโaan Ni Kufa, Qabsoon Itti Fufa!

Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *