Booranni dagatameera; ammoo angafti Oromoo kun dagatamuu hin malle; bor Oromoo hundatu itti sheenawa; Boorana dhumaatii irraa oolchuun dirqama Oromoo hunda ilaallatu taโuu himte. Dhugaan jirus kanuma.
๐๐จ๐จ๐ซ๐๐ง๐ง๐ข ๐ฆ๐๐๐ฅ ๐ค๐๐๐ฌ๐ฌ๐ ๐ฃ๐ข๐ซ๐?

Torbanoota lamaa fi sadii dura karaa miidiyaalee keenyaan iyyaa turre; hanga harโaattis iyya kana hin dhaabne. Oromoon Booranaa hongee dhalateen walqabatee beela ulfaattuu, yeroo fi beellama namaaf hin laanneen qabamee harcaโaa jiraa, Oromoo osooma ajandaalee garagaraa guyyuu bocamanii nuu dhufaniin iyyaa oolluu, cinaadhaan ammoo ummata Oromoo Booranaaf sagalee taโaa, gurra ergisaaf jennee iyyaa turre; kan nu dhagaโe garuu xiqqaa ture.
Haa taโuu ammas hin dabarre; guyyoota lamaan kanaa as sochiileen mumulโataa jiran, duulli miidiyaalee hawaasaa irratti deemaa jiru, ummata kana lubbuu hambisuuf nam-tokkeenis taโe akka gurmuutti, dhaabbattootni tokko tokkos sochiin godhaa jiran abdachiisaa dha. Ummata kanaaf abdii dha.
Booranni dur Aannaan akka bishaaniitti itti fayyadamu harโa loon harkaa dhumuu irraa Aannan waliin wal argaa hin jiru. Aannaan hafnaan bishaan qoonqoo jiifatee lubbuun akka hin baaneef ittiin tursatu iyyuu dhabaa jira. Nyaatuma hangi taate karaa namoota adda addaan itti dhaqaa jiru sababa bishaan hin jirreef sooratuufuu guddoo rakkataa akka jiru tibbana namootni dubbisne nuu himaniiru. Artist Ummuu Booranaas kanuma jabeessitee dubbatte.
Booranni dagatameera; ammoo angafti Oromoo kun dagatamuu hin malle; bor Oromoo hundatu itti sheenawa; Boorana dhumaatii irraa oolchuun dirqama Oromoo hunda ilaallatu taโuu himte. Dhugaan jirus kanuma.
Nam-tokkeen, gurmuun, hawaasni, akka waliigalaatti ammoo Oromoon, Oromoo Booranaa beelaan dhumataa jiru lubbuu oolchuuf osoo beellama hin qabanne karaa isaaf mijatee fi waan dandaโe hundaan itti haa dirmatu jenna.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *