Uggurri Mootummaan PP Miidiyaalee Hawaasaa irra kaa’e Ji’a 2ffaa qabate
๐๐ก๐๐๐๐๐๐ง๐ง๐ข ๐๐ข๐ซ๐ ๐ ๐๐๐ฆ๐จ๐จ๐ฆ๐๐๐ ๐ ๐๐ฅ๐ฆ๐ฎ ๐๐๐ง ๐๐๐ข๐ฅ ๐๐๐๐ฎ๐ง๐ฒ๐๐, ๐๐ฆ๐ง๐ข๐ฌ๐ญ๐ข๐ข ๐๐ง๐ญ๐๐ซ๐ง๐๐๐ฌ๐ก๐ข๐ง๐๐๐ฅ ๐๐จ๐จ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐๐๐ง ๐๐ญ๐จ๐จ๐ฉ๐ก๐ข๐ฒ๐๐ ๐๐จ๐จ๐ซ๐ ๐๐ฎ๐ง๐ง๐๐ฆ๐ญ๐ข๐ข ๐๐๐ฐ๐๐๐ฌ๐๐ ๐๐ฎ๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐๐ข๐ข๐ง ๐๐ค๐ค๐ ๐๐๐ง๐ฎ ๐๐๐๐๐๐ญ๐
Mootummaan Itoophiyaa uggura waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaa filatamoo taโan irra kaaโe kan jiโa lammaffaa isaa qabate daddaffiin akka kaasu gaafate Amnistii Intarnaashinaal ibsa tibbana baaseen.
Amnistii Intarnaashinaalitti Itti aantuu Daayreektaraa Godinaa Bahaa fi Kibba Afrikaa kan taate Filaaviyaa Miwaangoovaa, โAngawoonni mirga bilisummaa yaada ofii ibsachuu namootaa sarbuu itti fufaniiru; kunis bilisummaa odeeffannoo barbaaduu, fudhachuu fi dabarsuu kan dabalatuu dha.โ jedhan.
Itti fufuunis, aanga’oonni Itiyoophiyaa ji’a tokkoof, namoonni biyyattii keessa jiran waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaa filatamoo kanneen akka Feesbuukii, Telegiraamii, TikTok fi Yuutuub akka hin fayyadamne ugguran. Haala kanaan angawoonni mirga bilisummaa yaada ofii ibsachuu namootaa sarbuu itti fufaniiru; kunis bilisummaa odeeffannoo barbaaduu, fudhachuu fi dabarsuu kan dabalatuu dha jechuun danqaa murni Bilxiginnaa kaahe morman.
Uggurri waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaa filatamoo irratti raawwatame kun mirga lammiileen bilisummaan yaada ofii ibsachuu fi odeeffannoo argachuuf qaban akkasumas heeraa-seera biyyattiinii fi waliigalteewwan naannoo fi idil-addunyaa Itophiyaan miseensa taate ifatti kan sarbu tahuu kan eeru Amnistii Intarnaashinaal, uggurri kun galmee biyyattiin bilisummaa miidiyaa irratti qabdu kan duraanuu gaddisiisaa taโe daran xureessa jedheera.
Amnistii Intarnaashinaal, angaโoonni Itoophiyaa uggura kana osoo hin tursiisin kaasuudhaan, aadaa mirga ummanni yaada isaanii ibsachuu fi odeeffannoo barbaaduu fi fudhachuu gidduu seenuu kanatti xumura gochuu qabu jechuun dhaame.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *