Kibba Oromiyaa Godina Booranaatti Hongee dhalateen walqabatee Beelli seene ammallee ummata miliyoonatti herregamuuf yaaddoo dha.

<strong>Kibba Oromiyaa Godina Booranaatti Hongee dhalateen walqabatee Beelli seene ammallee ummata miliyoonatti herregamuuf yaaddoo dha.</strong>

Rakkoo hongeen kun dhaqqabsiise furuuf tarkaanfileen gahaan hin fudhatamne, gargaarsi godhamaa jirus bifa qindaa’een ta’uu dhabuun isaa ammoo bu’aa barbaachisu hin argamsiifne jechuun Waldaan Hakiimota Oromiyaa (WHO) qeeqa qabu mul’iseera.

Kibba Oromiyaa Godina Booranaatti Hongee dhalateen walqabatee Beelli seene ammallee ummata miliyoonatti herregamuuf yaaddoo dha.

Hongee Godina Booranaatti mudateen walqabatee Horiin gaafaa miliyoona 4tti shallagamu dhumaniiru

Akka himamutti Booranni waggoota 40 booda hongee fakkaataa akkasii kana arge. Kanneen haala hongee baroota duraa kana haalaan beekan ammoo hongeen waggoota 40 dura ture sun kan ammaan kan walgitu akka hin taane himu. Inni ammaa kun dorgomaa kan hin qabne godinichatti takkaa mul’atee akka hin beeknee dha kan himan.

Yeroon roobaa waliti fufiinsaan waqtiilee roobaa afurii fi shan darbuu irraa hongeen kun mudatuu fi sababa kanaanis beelti seenuun gaaga’ama Oromoon Booranaa argee hin beekne kana itti fide.

Hongeen kunis beelti uumamtes yeroo tokkichatti kan dhalatan osoo hin taane, waggoota sadii fi afur dura irraa jalqabee ti kan mul’ate. Hordoffii fi balaa hongeen kun baatee deemu fagootti ilaalanii hubachuu dhabuu irraa miidhamni hagasii akka hawaasa kana irra gahu taasisuun waan walnama gaafachiisu miti. Kana hordofuu fi balaa kana xiqqeessuu yoo danda’e ammoo hambisuuf eenyuun iyyuu caalaatti dursa kennee xiyyeeffannoon kan hordofuu fi irratti hojjechuu male qaama biyya bulchu mootummaa Bilxiginnaa ti. Kuni haqa. Dhaabbattootni gargaarsaa kan biyya keessaa fi idil-addunyaa kana booda kan isaan gargaarsaa fi dirmatnaaf hojjetan. Hawaasni addunyaa akka awwaatuufis kan yaamicha godhu sadarkaa duraatti mootummaa ummata kana bulchaa jiruu dha. Jaarmotni gargaarsaa kana bu’uura godhachuudhaani kan afaan gargaarsaa dubbatanii fi harka gargaarsaa hiixatan.

Mootummaan PP garuu kana gochuuf yeroo hin arganne; hongichi jiraachuu fi beelti itti aanee dhufuuyyuu waan irraa dubbataa ture hin qabu. Walumaagala xiyyeeffannaa hin kennineef jechaa dha. Hojiin bu’uuraa mootummichaa waggoota sadan arfan darbanii aangoo karaa qaxxaamuraan qabate karaa ittiin jabeeffatu irratti hojjechuu ture. Kan mootummaan silaa hojjechuu malee fi hanqate Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) bara 2021 wayta hongeen kun mul’atee fi gaaga’ama guddaa hin dhaqqabsiisin jiru sanatti, hawaasni addunyaa, jaarmotni gargaarsaa addatti Tokkummaan Mootummootaa Godinoota Booranaa fi Gujii keessatti ummata hongeen rukutamaa jiru osoo miidhaan olaanaan isaan irra hin ga’in akka dirmataniif iyyaafii ture. Haala kana keessatti hongeen seene yeroo argatee beela maddisiisuun ummata keenya Booranaa kan gaaga’e.

Hongeen dhalate kun beela maddisiisuu qofa osoo hin taane, sababoota itti aananii dhufaniin diigumsa hawaasaa godinicha keessatti uumeera.

Mootummaan haalli Godina Booranaa to’atnaa kiyyaa ala hin baane jedhus, dhugaan jirtuu fi ummatichi keessa jiru kana hin ibsu. To’atnaa kiyyaa ala hin baane jechuun maal jechuu dha? Sababa hongee kanaan beelti seenuun haqa dirree jiraa ti. Hongee kanaan bu’uuraa fi madda jireenya hawaasa Oromoo Booranaa kan ta’e horiin gaafaa dimshaashatti gara miliyoona 4 olii ta’an dhumataniiru. Madda jireenya isaa kan ta’e horii fi loowwan Booranaa erga dhumee ummatni kun maaliin jiraata? Beelti dhufuu kan hanqisu maali? Yo xiqqaate ummatni 800,000 ol beela hamtuu jala jira; gargaarsa hatattamaa barbaada.

Oromoon Booranaa hongeen itti dhuftee fi sababa kanaanis beelti isa mudatte bakka jiraataa ture gadhiisee mooraatti walitti qabamee kan gargaarsa eeggataa jiru hedduu ta’uu ragaan mul’ataa jiran. Warra mooraatti walitti qaban kanaaf gargaarsi ga’aan dhaqqabaa hin jiru. Hedduun isaanii ammoo gara daangaa Keenyaatti godaanuun lubbuu ofii fi horii isaanii oolfatuuf akka godaanan illee ibsamaa jira. Hunda caalaa kan ummata kanatti qormaata olaanaa ta’e bishaan dhibuu dha. Bishaan dhibuun nyaataan ala kan loowwan Booranaa fi horii isaanii miliyoonotaan fixee dha. Amma horii irra darbee gara namaatti tarkaanfate. Sababa beelaa irraa maanguddootni umriin jaaranii fi daa’imman dhibeema xixiqqoo dandamachuu hanqatanii lubbuun du’aa jiran hedduu dha. Hawwan hoosisanii fi garaa qabaniifis haalli wayta ammaa Boorana keessa jiru yeroo qorumsaa guddaa itti ta’ee jira.

Walumaagalatti hongee fi beelli Godina Booranaatti ummata keenya mudate jiruu fi jireenya isaa, hawaasummaa isaa barootaaf ittiin qanani’aa jiraate balaa irra buuseera. Ummatni dur aannan akka bishaaniitti itti gargaaramuu fi namaaf illee iddoo bishaanii godhee kennu har’a of harkaa dhabee bishaan qoonqoo ittiin jiifatu dhabee innis, loowwan isaas dhumuuf ga’u. Kana arguun nama dhukkubsa. Haala ulfaattuu, walxaxaa fi gaaga’ama hamma kana gahu Godinni Booranaa keessummeessaa jiru, mootummaan to’atnaa kiyyaa ala hin baane; beelaan namni lubbuun ba’es hin jiru jechuun dhugaa jiru dabsuu, dhoksuu fi xiqqeessuuf yaaluun cubbuu dha.

Ummatni Oromoo keessaa fi alatti dirmatnaan Booranaaf godhe dhugaa dubbachuuf jajjabeessaa dha. Murnootni hawaasa Oromoo cufti iddoo jiran maratti nam-tokkee hanga gurmuutti wal ijaaranii lubbuu Booranaa oolchuuf ijibbaatni godhaa jiran Oromoo Booranaa bira darbee guutuu Oromootti abdii hora. Abbootiin qabeenyaa Oromoo keessaa fi alatti, dhaabotnii fi dhaabbattootni garagaraa tumsii fi deggersi godhaa jiran akkaan nama boonsa. Ta’us Booranni ammallee gargaarsa dhaabbataa fi hordoffii cimaa barbaada. Haalli godinichaa gargaarsa yeroo tokkoon kan furamu osoo hin taane, dhimma walitti fufiinsa barbaaduu dha. Gargaarsi godhamaa jiru jajjabeessaa fi abdachiisaa ta’u illee, bal’ina rakkoo jiruu irraa Onootnii fi gandootni gargaarsi tasumaa isaan hin dhaqqabin jiran hedduu ta’uu gabaasaaleen ba’aa jiran ni ibsu. Rakkinni Booranni keessa jiru salphaa fi akka laayyootti waan irra aanamu akka hin taane dhaabbattootni gargaarsaa fi namootni carraa dhaqanii Boorana arguu argatan waan ijaan argan irraa ka’anii dubbataa jiran.

Balaa hongee fi beelaan walqabatee rakkinootaa fi dhibdeelee Godina Booranaa keessa jiran irratti waan argee fi qorate irratti hundaa’uudhaan tibbana kan gabaase gareen Waldaa Hakiimota Oromiyaas (WHO) kanuma dhugoomse.

Akka Waldaan kun tibbana gabaasa baasetti, Hongee Kibba Oromiyaa Godina Booranaatti mudateen fayyaa ummataa irraa miidhaa cimaan dhaqqabaa jira. Namoonni beelaa fi dhukkuboota yaalamuu danda’aaniin du’aa jiru. Beeyladotni miliyoonaan lakkaa’aman waan jalaa dhumanii fi gargaarsa nyaataa gahaan dhiyaachuu dhabuu irra kan ka’ee lakkoofsi namoota du’anii dabalaa jiraachuu Waldaan Hakiimota Oromiyaa gabaasa isaa kanaan ifa godhee jira. Kun ammoo isa mootummaan naannoo Oromiyaa hongee kanaan namni du’e tokkollee hin jiru jechuun ibse kan soba taasisee dha.

Waldaan kun gabaasa isaa itti fufuun, hanqinni nyaataa, bishaan qaama keessaa hir’achuu fi dhukkuboonni bishaaniin daddarban dhimmoota fayyaa hongee kanaan wal qabatanii uumamaa jiraan keessaa kanneen ijoo fayyaa hawaasa Booranaa gaaga’aa jiran ta’uu hubachiisuun, dhukkuboonii hanqina nyaataan wal qabatanii dhufan haalaan dabaluu addeessa.

Akka waliigalaatti Hanqinni nyaataa cimaan %16.04 yoo ta’u, dubartoota ulfaa fi hoosisan biratti ammoo Hanqinni Nyaataa Giddu-galeessaan %40 ga’uu ibsuudhaan, namoonni rakkoo hanqina nyaataan wal qabatee du’aa jiran lakkoobsi isaanii akkaan dabalaa jiraachuu beeksise.

Akka gabaasa Waldaa Hakiimota Oromiyaa (WHO)tti, sababa hongee godinicha keessatti mudateen weerarri dhukkuba gifiraa kan ka’e yoo ta’u, godinicha keessatti Onoota Mooyyalee, Guchii fi Gomoleetti namoonni 127 dhibee kanaan qabamuun isaanii mirkanaa’eera. Lakkoofsi kun bara 2021tti 126 kan ture, bara 2023tti gara 396tti ol guddachuu isaa Waldaan kun ifa godheera.

Itti dabaluunis lakkoofsi daa’imman qe’ee isaanii irraa buqqa’anii, miidhaan saal-quunnamtii akkasumas lakkoofsi namoota of ajjeesanii naannoo hongeen rukutetti haalaan dabaluu hubachiise.

Rakkoo hongeen kun dhaqqabsiise furuuf tarkaanfileen gahaan hin fudhatamne, gargaarsi godhamaa jirus bifa qindaa’een ta’uu dhabuun isaa ammoo bu’aa barbaachisu hin argamsiifne jechuun Waldaan Hakiimota Oromiyaa (WHO) qeeqa qabu mul’iseera. Miidhaa fayyaa sababa hongeen gahu salphisuuf deggersi soorataa, nyaata dhangala’oo, qoricha hatattamaa fi tajaajila bishaan qulqulluu akka daran ummata kana barabaachiisu Waldaan Hakiimota Oromiyaa (WHO) tibbana gabaasa baase kanaan ifa godheera.

Tokkummaan Mootummootaa (UN) gabaasa dhihoo kana baaseen akka jedhetti, hamma Sadaasa bara 2022tti namoota dhibee hammaataa hanqina nyaataatiin qabaman 27,526 galmeessuun tokkoffaa kan ta’e naannoo Oromiyaa ti. Isa 2021 fi 2022 wal bira qabnee yoo ilaallu Onoota Affaar, Oromiyaa, Somaalii fi naannoo Saba fi Sab-lammootaa fi ummatoota Kibbaa keessatti hanqinni nyaataa hamaan harka 21 dabaleera. Gabaasa Guraandhala 18,2023 baaseen ammoo, Guraandhala 2023 booda naannoolee hongeen rukutaman hunda keessatti miidhaan hongee daran akka hammaatu ibsuun, dabalaatan “hanqinni bishaanii hamaa” ta’e naannoo Oromiyaa Onoota hongeen rukutaman 10 keessatti mul’achuu isaa ibseera.

Hongee fi beelti Godina Booranaa ulfaataa fi gaaga’aa ta’ee hunda caalee waan mul’ateef malee, Godinoota Oromiyaa biroo kan akka Gujii, Baalee, Arsii fi Harargee faa keessatti, keessumaa Onoota fageenya irra jiranii fi gammoojjummaa qaban keessatti hongeenis, beeltis ummata akkaan miidhaa jiraachuun bal’inaan gabaasamaa jira; gargaarsi ummata kana dhaqqabaa jiru akka hin jirres addeessameera.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO