Waggoota shanan dabran kana, akka waan Oromoon aangoo qabatee jirutti beekaa fi wallaalaa, firaa fi alagaatiin yommuu afarfamu ni dhaga’ama. Kun sababoota lama irraa madduu mala. Sababni duraa, warri sirnicha irraa fayyadamoo tahe sirnichi akka ummata Oromoo irraa deeggarsa argatuuf yaadanii ti. Faayidaa fi aangoo sirnicha irraa argatan tikfachuuf ummata afanfaajjessanii sirna nafxanyaa ammayoomee fi abshaalome jala hiriirsuuf dhama’u.
Q A B S O O F I S I R N A
Oromoon biyyaa fi mirga isaa erga dhabee jaarraa tokkoo fi walakkaa lakkoofsisee jira. Erga guyyaa sirni alagaa biyya isaa Oromiyaa weeraree, mirga namummaa isaa mulqee lafaa fi qabeenya isaa saamee, cunqursaa fi boortaadhaan bulchuu eegalee ummanni Oromoo karaa gurmaa’ee fi hin gurmoofneen qabsoo geggeessuu takkaa hin dhaabne. Qabsoon qonnaan bultoonnii fi barattoonni Oromoo sirna nafxanyaa irratti taasisaa turan booda irra dhaaba qabsoo dhalche. Addi Bilisummaa Oromoo dhaaba qabsoo Oromoo bakka mara irraa walitti itichee gad dhaabe isa jalqabaa ti.
Bara 1970ta irraa eegalee qabsoon Oromoo dibaabee dhaabaa fi jaarmayaa jalatti gurmaa’uun injifannoolee gugurdoo galmeesseera. Kanneen keessaa, daangaan Oromiyaa jaarraa tokkoo oliiif diigamee ture deebi’ee sararamee Oromoon daangaa isaa beekuu, Oromoon waggaa dhibba tokko oliif wal irraa citee, maqaa adda addaatiin akka of yaamuuf dirqamaa ture, Bahaa hanga Dhihaa, Kibbaa hanga Kaabaa fi Giddu-galeessaan walitti dhufee rakkoo fi bal’oo waliin qooddachuu, qabsoo waliin geggeessuu danda’eera.
Oromoon qabsoo qindaawaa geggeesse kanaan afaan isaatiin barachuu, aadaa isaa awwaalamaa fi dhorkamaa ture calaqqisiisuu, mul’isuu fi dagaagfachuuf xurree saaqqachuu danda’eera. Kana jechuun, mirga kanneen guutummaatti argate jechuu miti. Kanneen weerara sirna nafxanyaatiin guutummaatti dhorkaman deebisee qabsoodhaan eegaluu danda’uu isaa ti malee, hanga har’aattuu afaan, aadaa fi eenyummaa isaatiif ajjeefamuun irraa hin dhaabbanne. Daangaan Oromiyaatis, cicciramuu fi sarbamuutti jira.
Tahu illee, kanneen kun takka duubatti, yeroo kaan duratti, kufee ka’aa, laafee jabaataa deema malee akka duriitti guutummaatti dhorkuu fi ukkaamsuun abadan hin danda’amu. Dhaloonni hanga kaayyoo qabsichaa fiixaan baasutti falmaarraa duubatti hin jedhu. Kana diinnis firris tolchee beeka.
Gama biraatiin, waggoota shanan dabran kana, akka waan Oromoon aangoo qabatee jirutti beekaa fi wallaalaa, firaa fi alagaatiin yommuu afarfamu ni dhaga’ama. Kun sababoota lama irraa madduu mala. Sababni duraa, warri sirnicha irraa fayyadamoo tahe sirnichi akka ummata Oromoo irraa deeggarsa argatuuf yaadanii ti. Faayidaa fi aangoo sirnicha irraa argatan tikfachuuf ummata afanfaajjessanii sirna nafxanyaa ammayoomee fi abshaalome jala hiriirsuuf dhama’u.
Sababni biroon, wallaalaa fi hubannoo dhabiinsa irraa taha. Maalummaa sirnaa fi aangoo nam-tokkee beekuu dhabuu irraa waan dhufu taha. Nama tokkicha ykn namoota muraasa aangoo gurgaddaa qaban laalanii akka sirnichi kan Oromoo taheetti warra fudhatanii dha. Kun ammoo afanfaajjii warra faayidaa dhuunfaa sirnicha irraa argataniin uumame irraas kan maddu tahuu mala. Ummatni hubannoo siyaasaa hin qabne waanuma namoota kana irraa dhagahaniif akkasitti fudhachuu danda’u.
Akka dhuunfaa fi nam-tokkeetti yoo tahe, kan sirna nafxanyaa ti jennuun keessatti illee aangoo olaanaa kan qabaataa turan Oromoota. Bara Minilik ministeerri waraanaa Habtegoorgis Dinagdee Oromoo dha. Abbaa Malaa jedhamuun kan beekamu, lafee dugdaa sirna nafxanyaa Minilik ture. Goobanaa Daaccii gaafa Minilik biyya saboota adda addaa, addatti ammoo qe’ee Oromoo weerarutti ajajaa waraanaa olaanaa ture. Haati warraa Minilik, Xaayituu Bixul Walee hidda dhiigaan yoo tahe Oromoo Walloo ti. Bara sanitti abeerraan ishee kan Begemidiriin bulchaa turee fi abbaan warraa Zoodituu (intala Minilik) kan ture Gugsaa Walee Oromoo ture.
Akka namoonni amma, sababa Abiy Oromoo dha jedhameef qofa, Oromootu aangoo qabatee biyya bulchaa jira jedhan yoo tahe, bara Minilikis Oromootu biyya bulchaa ture jechuu ni dandeenya kaa. Minilik duunaan kan aangoo isaa dhaalee waggoota sadiif impaayera Itoophiyaa bulche, Lij Iyyaasuu Mikaa’el Aliitis Oromoo Walloo ti.
Kan isa fonqolchee aangoo dhuunfatee waggoota 40f maqaa mootummaa isaa Hayilesillaasee moggaafatee Itoophiyaa bulchaa ture, Raas Tafarii Mokonnin Waldemikaa’el Guddisaatis hidda dhiigaatiin yoo tahe Oromoo Tuulamaa ti. Harargee Bahaa Ona Jaarsoo, bakka Ejersa Gooroo jedhamutti dhalatee, umrii ijoollummaa isaatis achumatti dabarse.
Oromummaa tuffatee jibbee, Afaan Oromoo balfus, Oromoo akka tahe sirriitti of beeka. Afaan Oromoos dubbachuu itti qaanfatu illee qaceellootti beeka ture. Akka amma jedhamutti taanaan, Hayilesillaaseen mootummaa Oromoo callaa ture jechuu dha. Faallaa kanaa garuu, bulchaan olaanaa sirna Hayilesillaasee, Raas Tafariin Oromoo tahee osoo jiruu, Oromoon akka hin baranne, yoo xiqqaate waggaa dhibba tokkoof barnootaan boodatti akka hafu, maqaa Oromootiin kutaa afurii ol barachuun akka hin danda’amne labsame. Maqaan sabummaa Oromoo irraa mulqamee maqaa arrabsootiin akka yaamamu labsame. Oromoon guutummaatti lafti isaa irraa fuudhamee, qondaalota Hayilesillaasee fi dhalattoota saba Amaaraatiif kenname. Oromoon lafuma isaa kadhatee qotee aangawoota mootummaa Hayilesillaasee fi ilmaan nafxanyaa gabbaraa ture. Afaan Oromo afaan barnootaa, afaan hojii waajjiraalee mootummaa fi afaan miidiyaa tahuun hafee akka ummata keessattuu hin dubbatamne dhorkame.
Ilmaan Oromoo sirnicha keessatti aangoo gurguddaa qaban warri akka A/100 Maammoo Muzaammir faa sababa Oromummaa isaaniif qofa fannifamanii ajjeefaman. Qondaalli waraana sirnichaa Hayilemaaram Gammadaa fi namoonni biroonis ni ajjeefaman. Jeneraal Taaddasaa Birruus hidhamee murtiin du’aa itti murame.
Ummata Baalee xiyyaaraan haleelee jumlaan kan fixe, manaa fi qabeenya isaanii kan mancaase, Hayilesillaaseen ykn Raas Tafariin hidda sanyii dhalootaatiin yoo tahe, Oromoo dha. Raas Tafariinis, Oromonni sirna Minilik fi Hayilesillaasee keessatti aangoo gurguddoo qabaataa turan, Oromoo fi sirna Oromoo qabatanii aangootti bahuu fi sirna Oromoof tahu bocuu mitiitii, eenyummaa dhuunfaa isaanii iyyuu of irraa mulqaniitu sirnicha keessatti aangoo argatan. Aadaa, afaanii fi eenyummaa isaanii of irraa baasanii kan nafxanyummaa fi sirna olaantummaa Amaaraa leellisu uffatan. Sirna Minilik ijaare, kan diinummaa Oromootiin guutamee bocameef hojjechuu malee kan Oromoof hojjetu sirna san keessatti taayitaa argate hin jiru. Warra Oromoof hojjechuu yaalan iyyuu umrii gabaabsan. Qabaachuus hin danda’u. Kanaafuu sirnicha malee, namni dhuunfaan aangoo fedhe qabaatus akka dhuunfaatti waan ittiin yaamamu tokko illee hin qabu.
Sirna Dargii keessattis piresidaantii Itoophiyaa tahee kan waggoota 17f bulchaa ture, Mangistuu Hayilamaaram Waldee Ayyaanaa, karaa abbaa fi haadhaatiinuu Oromoo dha. Qarqara magaalaa Finfinnee ammaa, bakka Furii jedhamutti akka dhalates seenaan ragaa baha. Mangistuunis akkuma Raas Tafarii fi fakkaattota isaa Oromummaa balfee, gocha diinummaa Oromoo irratti hojjetaa ture malee mootummaa Oromoo hin turre. Sirna Oromoo jumlaan ajjeesu, maqaa Oromoo salphisuu fi balaaleffatu, kan aadaa, duudhaa fi Afaan Oromoo jibbuu fi bal’eessuu irratti hojjetu malee sirna Oromoo hin turre. Osoo sirni mootummaa tokko aangoo bulchaa ykn piresidaantii tokkootiin madaalama tahee, Dargiitu sirna Oromoo qulqulluu taha ture. Mangistuun Oromoo jedhamus sirni isaa akkuma sirnoota nafxanyaa isa dura turaniitti sirna diinummaa Oromoo irratti xiyyeeffatee ijaarame waan tureef, umrii aangoo isaa guutuu Oromoo cunqursaa ture. Hayyoota sirnicha fooyyessuu fi impaayera Itoophiyaa dimookiraatessuuf carraaqan, Dargii akka sirna Oromoof tahuutti yaadaa turan, warra akka Dookter Hayilee Fidaa faa waahillan isaa waliin rashanee bool’atti naqe.
Bara Wayyaanee kan aangoo gurguddaa qabatanii Wayyaaneef ergamaa turanii, amma sirnichuma keessaa ol bahanis, akkuma namoota sirnoota duraanii keessa turan kanaa ti. Abiy Ahmad fedhu Oromoo qulqulluu tahuu danda’a. Garuu sirnichi Abiyyiin hin safaramu. Sirnichi kan Abiyyis miti. Abiy karaa irraa sirnichatti goree hojjetaafii turee ammas hojjetaafii jira malee yeroo fi haala sirnichi itti bocame iyyuu waan beeku hin qabu.
Sirni tokko, sagantaa siyaasaa fi imaammata mataa isaa tolfatee qaba. Gabruu, Badhaasoo fi Takilebiraan hoogganaa sirna sanii yoo tahan imaammata sirnichaa hin jijjiiran.
Akkaataa imaammannii fi sagantaan siyaasaa sirnichaa ittiin wixinamee fi hojimaata sirnichaatu laalama malee aangoo nama dhuunfaa miti. Yoo aangoo nama dhuunfaatiin tahes Abiy bara Wayyaanee jalqaba irraa eegalee, basaastummaa irraa hanga qondaala waraanaatti, kaabinummaa irraa hanga hooggansa tika biyaalessaa ykn INSA’tti waggoota 27f kan sab-boontota Oromoo ficcisiisaa fi gidirsiisaa turee dha malee, nama akka dhuunfaatti Oromoof rifaatuu qabu miti. Erga hoogganaa sirnichaa tahee wagoota shan keessatti Oromoof maal akka tahe sirriitti agarsiiseera. Waggoota shan bara bulchiinsa isaa kana keessatti dachaa dachaadhaan haala suukanneessaa taheen Oromoon ajjeesameera; hidhameera; mannii fi qabeenyi isaa gubateera; saamamee qe’ee ofii irraa buqqisameera. Artistootaa qaqqaalii Oromoo, kan akka Haacaaluu Hundeessaa fi Daadhii Galaan sirna kana jalatti ajjeesaman. Artisti Damisoo Moosisaa ammoo achi buutee dhabamsiisame. Abbaa Seeraa Abduljabbaar Huseenis sirnuma kana jalatti ajjeesame. Waggoota shan keessatti ilmaan Oromoo kuma kurnootaan laakkaawamantu ajjeesame. Hedduunis achi buuteen isaanii dhabameera. Kuma dhibbaan kan lakkaawan hidhamaniiru. Miliiyonotaan ammoo qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru. Taatee fi raawwiin kun cufti bulchiinsa Dr.Abiy jalatti.
Kanaan sirna Oromoo ti jechuun dogoggora guddaa dha. Sirna diina Oromoo hamaa tahe tokkoon sirna Oromoo ti jechuun, seera addunyaa mitiitii, seera Uumaatiinuu nama gaafachiisa.
Sirna diina Oromoo tahe akka Oromoon kunuunsuuf afanfajjii warri uuman adabachuu qabu. Oromoon sirna isa ajjeesuun sirna kiyya jedhe fudhatu hin jiru; hin jiraatus. Nama tokko aangoo irratti ilaalee sirna kiyya jedha osoo tahee, sirna Minilik, Hayilesillaasee fi Dargii irrattuu hin qabsaa’u ture. Silaa har’a illee isaaniin ni leellisa ture.
Oromoon nama dhuunfaa jala hiriiree hin qabsaawu; nama dhuunfaa irrattis hin qabsaawu. Sirnaa fi dhaaba jalatti taliigamee qabsaawa. Sirna irratti qabsaawas. Nama dhuunfaa aangomsuuf ykn jalatti buluufis hin qabsaawu; sirna ofiitiin buluuf qabsaawa.
Sirni diinni Oromoo boce, yoomuu sirna Oromoo tahuu hin danda’u. Oromoon sirna isaaf tahuun buluuf qabsootti jira. Kaayyoo fi akeeka qabsoo isaa galmaan gahuufis aarsaa qaqqaalii kaffalaa ture kaffalaas jira. Sirna isaatiin buluu fi biyya isaa irratti abbaa biyyaa tahuuf ammas qabsoo isaa daran jabeessuu qofatu fala.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *