๐Š๐€๐‘๐‘๐ˆ ๐‡๐€๐˜๐˜๐”๐” ๐‡๐€๐‘’๐€ ๐ˆ๐‹๐‹๐„๐„ ๐ƒ๐€๐‘๐€๐‘๐€๐€ ๐Ž๐‹๐€๐€๐๐€๐€ ๐‰๐€๐‹๐€ ๐‰๐ˆ๐‘๐€

๐Š๐€๐‘๐‘๐ˆ ๐‡๐€๐˜๐˜๐”๐” ๐‡๐€๐‘’๐€ ๐ˆ๐‹๐‹๐„๐„ ๐ƒ๐€๐‘๐€๐‘๐€๐€ ๐Ž๐‹๐€๐€๐๐€๐€ ๐‰๐€๐‹๐€ ๐‰๐ˆ๐‘๐€

Karri Hayyuu erga hidhattoota mootummaan goolamuu eegalee bubbuleera. Ajjeechaa fi reebichi, hidhaa fi dararaan akkasumas manaa fi qabeenyaan isaanii kaan saamameera; kaan ammoo ibiddaan barbadaaweera.

๐Š๐€๐‘๐‘๐ˆ ๐‡๐€๐˜๐˜๐”๐” ๐‡๐€๐‘’๐€ ๐ˆ๐‹๐‹๐„๐„ ๐ƒ๐€๐‘๐€๐‘๐€๐€ ๐Ž๐‹๐€๐€๐๐€๐€ ๐‰๐€๐‹๐€ ๐‰๐ˆ๐‘๐€

Mootummaan mootummaa kan jedhamu yoo nageenya lammilee tikse qofa. Mootummaan Ethiopia nageenya lammilee tiksuun hafee ofii isaayyuu nageenya hawaasaa jeeqaa lubbuu fi qabeenya ummata nan bulcha jedhuu irraan miidhaa gahaa jira.

Ajjeechaan Miseensota Gadaa Michillee Karrayyuu irratti hidhattoota mootummaan raawwatame yaadannoo yeroo dhihoo ti. Haftee miseensa Gadaa kanaa kan taโ€™e ajjechaa yeroo darbee irraa kan hafee ture Abbaan Gadaa Hawaas Maatoo Boorraa, dhiheenya kana hidhattoota naannoo Amaaraa irraa dhufaniin bakkuma Abbootiin Gadaa Karrayyuu duraan itti ajjeesamanitti itti dhukaasamee madaaโ€™uudhaan irraa hafuu dadhabee akka lubbuun dabarte Addis Standard hawaasa Karrayyuu keessaa nama tokko waabeffachuun gabaasa isaa torban darbee keessatti addeessee jira.

Daraaraan hidhattoota mootummaan lammilee keenya Karrayyuu irratti raawwatamus ammallee ittuma fufee jira malee waan irraa dhaabbate hin jiru.

Miseensa tuuta Gadaa Michillee warra waraanni mootummaa dhiheenya reebicha hamaa irratti geggeesse lakkoofsi isaanii muraasaa miti.

Namoota reebichi kun irratti raawwatame keessaa jaarsaa hanga daa’imatti kan hanga dhiigni afaanii fi funyaanin bayutti tumaman, dubartiin ilmoo harkaa qabdus โ€œmana gubnaa koottu bayiโ€ jedhamtee qawween irratti dhukaafamuun, joollee xixiqqoo hunda fudhatanii baqatuun akka muka bulan taasisamanii jiru. Ijoolleen dhukaasa qawwee baqatanii badanis ganda biraa keessatti ummanni qabee of bira bulchee jira.

Dirqamni mootummaa silaa lammileen jeequmsaa fi yaaddoo tokko malee akka jiraataniif wabii tolchuu ture. Akka carraa ta’ee biyyi kun addatti ammoo Oromoon kanaan hin milkoofne. Hireen Oromoo Karrayyuu sirna kana jalatti akkuma Oromoo bakka dhibii qeโ€™ee isaa keessatti salphisamuu, doorsisamuu, jumlaan ajjeesamuu, jumlaan hidhamuu fi kabajaa dhabanii salphisamuu erga taโ€™ee bubbulee jira. Gochi hamtuun kun ammallee Karrayyuu irraa hin dhaabbatne.

Karri Hayyuu erga hidhattoota mootummaan goolamuu eegalee bubbuleera. Ajjeechaa fi reebichi, hidhaa fi dararaan akkasumas manaa fi qabeenyaan isaanii kaan saamameera; kaan ammoo ibiddaan barbadaaweera.

Ilmaan Oromoo reebichi hamaan irratti raawwatame keessaa muraasni kan maqaa isaanii arganne:

1.Boruu Jiloo Borrayyuu.. Hoospitaala jira

2.Boruu Diimaa

3.Baluulee Gurraacha Dhaddachoo

4.Roobee Qumbii Boruu

5.Shitto Qumbii Fachal

6.Boruu Mi’essoo Boruu

7.Shittii Bulgaa Hawaas

8.Roobee Boruu Arroollee

9.Abdii Godaanaa Boruu

10.Jiloo Matoo Jiloo

11.Matoo Jiloo Daadhii

12.Taayyee Boosat Jiloo

13.Ilaal Goosa Fantaallee

14.Guutoo Jiloo Fantaallee

15.Guyyee Arroollee Boorrayyu 16.Roobaa Hawaas Matoo

17.Boruu Hawaas Matoo 18.Rukeessa Matoo Boorra

19.Roobee Bulaa Jiloo

20.Halkoo Roobaa Hawaas

21.Elee Dilbii Xarroo

22.Gallee Habukkoo Carcar kanneen jedhamanii dha.

Namoota kanneen keessaa namni lama carraa hoospitaala dhaquu argatanis Gobbuu Hawilee Boorayyuu reebicha irratti raawwatameen akka duโ€™an beekuun dandaโ€™ameera.

Boruu Jiloo Boorayyuu garuu ammayyuu yaalarra kan jiran yoo taโ€™u, warri hafan haalli Jiru ammallee rakkisaa waan ta’eef daa’imaa fi horii akkasumas Qe’ee Gadaa dhiifnee deemurra duunee jiraanneen asumatti nuuf haa ta’u jedhanii achuma qe’ee Gadaa akka jirantu hubatame.

Qe’een warra Gadaa Qee’ee Ulfoo ti. Qe’ee safuu qabu qe’ee kabajaati. Warra safuu beeku biratti.

Namoonni kun hedduun bara 2021 yeroo Abbootin Gadaa jumlaan hidhattoota mootummaan ajjeesaman Mojotti hidhamanii nyaataa fi bishaan malee torban turanii fi achitti lubbuun nama tokkoo biraa duutee dha. Warra guyyaa san afaan boolโ€™aa duโ€™a irra gaโ€™e Rabbi hanbise hardha maalif jiraattan, maqaan “warra Gadaa” jedhu akkamitti jiraata jechuun ammas irra deebiin gocha diinummaan guutame kana waraanni mootummaa nu irratti raawwate jechuun hawaasni Karrayyuu kulkulfatee dubbataa jira jechuun odeessi nu gahe ifa godha.

Walumaa galatti qe’een Oromoo Kabaa-kibbaa, Bahaa-dhihaa waraana mootummaan Bilxiginnaa bobbaaseen nagaa dhabee gaalamaa jira. Kan Karrayyuu mudates kanuma.

Waraanni kun bakka hundatti qeโ€™ee Oromoo weeraree aadaa fi safuu hawaasaa cabsee akka sabaatti Oromoo salphisaa jira. Qeโ€™ee Oromoo nagaa dhorkee ganda hundatti booโ€™icha galchee jira. Qeโ€™ee irraa buqqaasuu, manaa fi qabeenya walitti gubuu, lubbuu baasuu fi hidhaan gidirsuun hojii guyya guyyaa waraana mootummaa PP taโ€™ee akka jiru ragaa dhiheessuuf guddoo nama hin rakkisu. Ummatni nagaan meesha-maleeyyiinii fi hidhata siyaasaa hin qabne, jiruu fi jireenya isaa guyya guyyaa moโ€™achuuf fiiggatu cubbuu fi dabaan yoo miidhamu haalaan gaddisiisa. Carraan Oromoo sirna PP jalatti kana taโ€™ee jira. Buโ€™aan Oromoon sirna kana jalatti argate kanaan ala waan biraa tokkollee hin jiru.

Oromoon akka sabaatti ajjeechaa fi dhiittaa mirgaa isa irratti raawwatamaa jiru kana callisee wal irratti ilaaluu irraa osoo waliif birmatee sagalee waliif ta’uu dha qaba. Rakkoo bara baraa jalaa bahuuf tokkoomee falmate malee egereen isaa rakkoo hamaa jala galaa jira.

Ma’ii irratti wanni jennu yoo jiraate Oromoon biyya keessaa fi alaa ilmaan Oromoo Karrayyuu sagalee dhaban kanaaf akka sagalee taatan dhaammanna.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO