๐†๐จ๐จ๐ญ๐ข๐œ๐ก๐š, ๐๐š๐›๐ฌ๐š๐ฐ๐š๐š ๐”๐ซ๐ฃ๐ข๐ข ๐Ÿ๐ข ๐–๐ž๐ฅ๐ฅ๐ข๐ฌ๐š๐š ๐‡๐š๐ง๐ ๐š๐Ÿ๐š๐š ๐€๐ซ๐ญ๐ข๐ฌ๐ญ๐ข ๐™๐š๐ซ๐ข๐ก๐ฎ๐ง ๐–๐š๐๐š๐š๐ฃ๐จ๐จ

๐†๐จ๐จ๐ญ๐ข๐œ๐ก๐š, ๐๐š๐›๐ฌ๐š๐ฐ๐š๐š ๐”๐ซ๐ฃ๐ข๐ข ๐Ÿ๐ข ๐–๐ž๐ฅ๐ฅ๐ข๐ฌ๐š๐š ๐‡๐š๐ง๐ ๐š๐Ÿ๐š๐š ๐€๐ซ๐ญ๐ข๐ฌ๐ญ๐ข ๐™๐š๐ซ๐ข๐ก๐ฎ๐ง ๐–๐š๐๐š๐š๐ฃ๐จ๐จ

“Injiraan mataa koo maalumaaf na nyaatta, si obseen dadhabe follokseen si gata,” jechuudhaan sirbi yeroo san waltajjii bulchaan Godinaa Wallagga Bahaa -Nugusee Faantaa jiru irratti sirbe hidhaa ji’a saddeetii adabsiiseera.

๐†๐จ๐จ๐ญ๐ข๐œ๐ก๐š, ๐๐š๐›๐ฌ๐š๐ฐ๐š๐š ๐”๐ซ๐ฃ๐ข๐ข ๐Ÿ๐ข ๐–๐ž๐ฅ๐ฅ๐ข๐ฌ๐š๐š ๐‡๐š๐ง๐ ๐š๐Ÿ๐š๐š ๐€๐ซ๐ญ๐ข๐ฌ๐ญ๐ข ๐™๐š๐ซ๐ข๐ก๐ฎ๐ง ๐–๐š๐๐š๐š๐ฃ๐จ๐จ

Rifireendam!

Hiree mataa keenyaa ofiin murteeffanna

Ka’i yaa Oromoo ofiin of bulchina

Hanga lubbuun koo lafarra jirtutti

Nan falma mirga Oromootii

Hanga Oromiyaan walaboomtutti

Birmadoomtutti

Keeyyanni 39 hanga galma gahutti

Booddeetti hin deebinu qabsoon ni finiinti…

Falmataan falmaa bilisummaa, qabsaawaan mirgaa, gootichi sodaa tokko malee sirnoota Oromoo cunqursaa turan dura dhaabbatee mirga saba isaatiif falmaa ture Artisti Zarihuun Wadaajoo Goobanaa, seenaa cululuqaa fi boboonsoo tahan hojjetee dabre. Lubbuun du’a hin ooltuuyyuu qaamaan du’e. Seenaadhaan ammoo bara baraan jiraata.

Artist Zarihuun, Abbaa isaa Obbo Wadaajoo Goobanaa fi haadha isaa Aadde Zawidituu Makkoo irraa Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Naqamteetti bara 1949 dhalate.

Artist Zarihuun ijoollummaa isaa Naqamtee, Haaruu, Shawaa, Mandii fi Gimbiitti dabarse. Wallagga Lixaa Ona Mana Sibuu ammaa, magaalaa Mandiitti kutaa 7ffaa yeroo barataa turetti qabsoo keessatti hirmaachuu akka eegaletu himama. Yeroo san qabsoo ‘Ye Gubboo Xaaxaa Ke Mandii Yiwuxaa’ ykn “Gidiraan malaammalummaa Mandii keessaa haa bahu” jedhu qindeessaa ture. Ijoollees kakaasaa ture.

Booda gara Naqamteetti deebi’uun hojiilee aartii ergaa jajjaboo qaban waltajjiiwwan argate irratti ummata biraan gahaa ture.

“Injiraan mataa koo maalumaaf na nyaatta, si obseen dadhabe follokseen si gata,” jechuudhaan sirbi yeroo san waltajjii bulchaan Godinaa Wallagga Bahaa -Nugusee Faantaa jiru irratti sirbe hidhaa ji’a saddeetii adabsiiseera.

Harka lafa jalaan hojjechaa kan ture ABOn bara 1968 keessa garee aadaa jalatti Hawwusoo/baandii aadaa Oromoo jedhamu dhoksaan hundeessee ture. Baandii kana keessatti wellistoonni hedduun kan akka: Zarihun Wadaajoo, Ittaanaa Tolasaa, Ilfinash Qannoo, Amantee Dojaa, Abbitoo Kabbadaa, Salamoon Dannaqaa fi kanneen biroo walitti dhufuudhaan aadaa, afaan, aartii fi sirboota qabsoo irratti hojjechaa turan.

Bara 1991 yeroo Chaarteraatti, Artisti Zarihuun Wadaajoo artistoota biroo waliin Adda Bilisummaa Oromoo waliin ifatti sochii qabsoo keessatti hirmaataa tureera. Sagalee isaa kiilolee fi onnee isaa akka tulluu guddatu saniin waltajjiilee adda addaa irratti aartii welluutiin ummata qabsoof kakaasaa tureera.

Gaafa ABOn chaartara irraa ba’u irraa jalqabee Artisti Ilfinash Qannoo fi kanneen biroo waliin manneen hidhaa Amboo fi kaampii waraanaa Dhidheessaatti hidhaadhaan dararamaa turuun achiin boodas magaalaa Finfinnee keessa jiraataa ture. San boodas baandii Maccaa fi Tuulamaa, akkasumas Baandii Gadaa keessatti hojiiwwan isaa itti fufuun walleewwan warraaqsaa garagaraatiin saba isaa dadammaqsuudhaan tajaajilaa ture.

Umurii yeroo ijoollummaa irraa jalqabee bakka dhaloota isaatti yeroo adda addaatti akka hidhamee fi erga magaalaa Finfinnee seenees yoo xiqqaate yeroo jaโ€™aa ol akka hidhamee ture dha maatii fi jaallan isaa kan ibsan. Manni hidhaa akka mana isaatti isa baratus, gidiraa fi roorrifama isa irra gahaa tureef takkaallee diina baqatee ala hin baane. Funyaanuma diinaa jala taaโ€™ee qabsaawee ummatas itti kakaasaa ture. Dhaloota qabsoo finiinsu oomishee qaree baasee fakkeenya dhalootaa taheera.

Artist Zarihuun Wadaajoo jalqaba bara 1990’otaa keessa haadha warraa isaa qabsooftuu Olaantuu Gammachuu waliin wal fuudhuudhaan ijoollee sadii waliin horatan; abbaa dubara lamaa fi dhiira tokkoo ti.

Artist Ilfinash Qannoo waliin sirboota hedduu kan sirbee fi isaan keessaa sirbi ‘Nu waliin dhaadanna, walmalee maal qabna ree’ jedhu sirba baayโ€™ee beekamaa dha. Kana malees Artist Zarihuun geerarsoota onnee namaa tuttuqanii nama kakaasan, kan xiiqii namatti horuudhaan qabsoof nama kakaasan ummata isaa biraan gahaa tureera.

“Karaan raaree gubate

Tokko hin jiru daggalli

Garaan aaree gubate

Tokko hin jiru qabbanni

Bishaan hamaan booruudha

Kan gabaabaan hin ceene

Kan dheeraan gurdummatu

Dhukkubni hamaan booreedha

Kan namni namaa hin beekne

Kan lammiin dhukkubsatu” jechuudhaan booree fi xiiqiin saba isaaf kudhaamaa ture. Dhaloonni akka of baru, akka eenyummaa isaa baree mirga isaatiif falmatu sagalee isaa bareedaa dhaggeeffatamee hin quufamne saniin ummata Oromoof dhaamaa ture.

Akka Oromoon alagaaf ergamuu dhiisee bilisummaa ofiif qabsaawuufis,

“Qawwee diinaa hin baannu,

du’aa namaa hin kaasnu

jedhu dargaggoon

Bilisummaa barbaadna jedha Oromoon” jechuun dhaamsa dabarseeraaf.

Diina fira fakkaattee ummata cunqursitu, roorroo lammii keessaa qabsoodhaan akka dhabamsiisaniifis:-

”Koottu aramaa aramnaa midhaan keenya keessaa,

Tuufoo bubuqqifnaa cobasaa balโ€™eessaa

Lafa isaat borqiidha kanaaf tuufoo baasa” jechuudhaan walleedhaan waamicha godhaa ture.

Akkasumas,

“Yoo falaxaan nama quuqe

Baalli dambii nama hin quuqu

Sirran rafa yaa dambii koo

Yoo alagaan nama quufe

Lammiin ofii nama hin quufu

Si naaf wayya yaa lammii koo

Sittan gala yaa lammii koo” jechuudhaan alagaan akka namaaf rifaatuu hin qabne, lammiin ofii ammoo kan yeroo mara, gaafa rakkoo fi bal’oo, gaafa gaddaa fi gammachuu nama danda’u, kan nama hin nuffine tahuu sirbaan dhaamee saba isaaf hubannoo fi barnoota kenneera. Akkasumas,

Qamadii qoti jedhu

Maafan qota qamadii

Gaarattin baasa malee

Aadaa kee dhoksi jedhu

Maafan dhoksa aadaa koo

Ifattin baasa malee

jedhee kan alagaan aadaa fi eenyummaa Oromoo awwaaluuf ijibbaataa turanii fi garuu ummanni Oromoo ammoo jabaatee aadaa fi eenyummaa isaa akka dagaagsuu qabu aartii welluutiin ibseera.

Sirboonni isaa sagalee kiiloleetiin kuulamanii, kennaa fi oguma aartiitiin faayaman sun kan himamanii fi dhaggeeffatamanii dhumanii miti. Walleewwan warraaqsaa, kan aadaa fi jaalalaa, walumaagalatti sirboota qeenxee 120 olii fi kaasetta guutuu 10 ummata isaa biraan gaheera. Dhaamsonni sirboota isaa kan yeroon irra dabru miti. Ummata Oromoof kudhaama barabaraa ti.

Artist Zarihuun bara Dargii fi Wayyaanee qabsoo jabduu ummatuma isaa keessa taa’ee geggeessaa ture. Goota hidhaa fi reebicha hin jiilchine, qabsaawaa ajjeechaa hin sodaanne dha. Mootummaan saba isaa cunqursu, manaa fi qabeenya isaaf kennee akka qabsoo dhiisuuf yeroo adda addaatti isa gaafatus, Artistit Zarihuun, “haqaa fi mirga saba kiyyaa qabeenyaa fi faayidaa kamiinuu hin sharafu, qabsoo haqaa irraas duubatti hin deebi’u” jedhee didee hanga guyyaa lubbuun isaa dabrituutti kaayyoo qulqulluu qabsoo bilisummaa Oromoo irraa osoo hin goriin irratti cichee haqa saba isaatiif falmaa ture. Umrii isaa guutuus, beelaa fi dheebuu, rakkoo fi gidiraa, hidhaa fi reebicha osoo hin nuffin, yeroon qabsoo dheerate, bilisummaan achi fagaate jedhee osoo hin ifatin, mirga saba isaatiif dhaabbatee ejjennoo akka utubaa sibiilaa jabaatu qabatee, hanga guyyaa dhumaa lubbuun isaa addunyaa irraa dabrituutti ittiin gahe.

Goota onneen ibiddaa, hamilee guutuu, murannoo jabaa, obsaa fi naamusa qabsootiin kan guutame Artisti Zarihuun Wadaajoo aarsaa qabsoon bilisummaa Oromoo isa irraa barbaaddu mara baasee, osoo biyya irraa hin baqatin umrii isaa guutuu Oromiyaa fi ummata Oromoo keessatti qabsoo geggeessaa ture.

Erga sirni EPRDF kan Wayyaaneedhaan durfamu, dhaaba isa ABO shororkeessummaa dhaan farrajee illee, Artist Zarihuun Wadaajoo osoo ABO’ummaa isaa hin waakkatin, maqaa shororkeessummaa dhaaba isaatiin hidhamuu fi ajjechaa osoo hin sodaatin, sodaadhee baqadhee Oromiyaa keessaas hin bahu jechuudhaan ummata isaa welluu fi sochii qabsoo dhoksaadhaan dadammaqsaa, falmaa haqa sabaatti ture. Qophiiwwan konsertii Oromoonni biyya alaa qopheessan irratti dhaqee sirboota qabsoo sirbuudhaan Oromoota biyya alaa qabsoodhaaf kakaasaa tureera. Haa tahu malee jireenya baqaatiin biyya alaa keessa hin jiraanne. Oromiyaa keessa taa’ee mirga saba Oromootiif qabsaawuu filatee gara biyyaas deebiโ€™e.

Artisti Zarihuun Wadaajoo reebichaa fi gidiraa yeroo adda addaatti irra gahaa tureen yeroo garagaraatti dhukkubsatullee, bara 2020 irraa eegalee fayyummaan isaa yeroo irraa gara yerootti akka malee xiqqaachaa fi haala yaaddessaa keessa galaa dhufe.

Dhukkubsatees yerootti yaala hin argatin tureera. Umri isaa guutuu saba isaaf malee mataa isaatiif waan hin jiraanneef, yaala barbaachisu argachuuf maallaqa hin qabu ture. Yeroo barbaachisetti tahuu baatus, booda ummanni Oromoo waan qabu irraa walitti buuseefii biyya keessatti hanga tokko yaala argatullee, dhibeen isaa waan irra bubbuleef salphaatti fayyuu hin dandeenye. Abbootiin qabeenyaa Oromoo muraasni gargaarsa maallaqaa dabalanii buusaniifii, akka biyya alaatti yaalamu taasifame.

Konsertiilee Oromootiif yeroo tokko tokko yoo biyya alaa deeme malee kan Oromiyaa keessaa bahee hin beekne, yaala dhukkubaatiif Oromiyaa fi Finfinneetti nagaa dhaamee biyya irraa qaari’e. Haala kanaan deemee biyya Hindiitti ji’oota muraasaaf yaalamus dhukkuba wagoota 2 ol irra bubbulte irraa dandamachuu hin dandeenye. Lubbuun goota kanaa du’a irraa ooluu hin dandeenye. Dhibeen isa qabde itti cimtee lubbuu isaa fudhattee kutte.

Ebla 22, 2023, biyya Hindiitti lubbuun isaa baate. Ummata isaa akkas jaalatuu fi qabsaawuuf irraa adda bahe. Oromiyaa biyya isaa kan walabummaa isheef qabsaawaa tureefittis lubbuudhaan hin deebi’iin hafe. Biyyoo isheetti dhufee makame. Seenaan isaa garuu barabaraan onnee dhalootaa keessa jiraata.. Galmee seenaa keessaa akka urjiitti ifaa jiraata.

Lubbuun isaa jannataan haa qananiitu. Boolโ€™a isaa daadhiin haa guutu!

Maatii, firoota, hiriyootaa fi jaallan isaa, akkasumas ummata Oromoo bal’aaf jajjabina haa kennu.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO