Heera Mootummaa Fooyyessuu Maqaa Jedhuun Sirna Durii Tooftaadhaan Deebisuuf Yaaliin Godhamu Ifatti Mul’ataa Jira

Heera Mootummaa Fooyyessuu Maqaa Jedhuun Sirna Durii Tooftaadhaan Deebisuuf Yaaliin Godhamu Ifatti Mul’ataa Jira

Golgaa Heera Mootummaa fooyyessuu jedhuun Sirna dullacha durii deebisuun hin danda’amu.

Heera Mootummaa Fooyyessuu Maqaa Jedhuun Sirna Durii Tooftaadhaan Deebisuuf Yaaliin Godhamu Ifatti Mul’ataa Jira

Dhaabbata Qorannoo Imaammata Itoophiyaa jechuun leellistoonni sirna duraanii heerri mootummaa akka fooyya’u gaafatan. Heerri Itoophiyaa bara 1991 sirna EPRDF’n tumamee waggoota 30f akka heera mootummaatti tajaajilaa turus, irra guddeessi isaa waraqaa irratti malee lafa irratti hin argamne. Hojiitti hin hiiikamne jechuu dha. Heerichi sirna bulchiinsa tokkee kan sirna nafxanyaatiin wal faallessu fakkaatus, fakkeessaa fi gowwomsaaf malee hojiitti hin hiikamne. Tahu illee, heerichi saboota cunqurfamoo fi baayyina hin qabneef hanga tokko wabii tahee, gargaareera. Hunda caalaa garuu waan Oromoo fi Oromiyaa ilaallatu tokko illee hojii irra hin oolle jechuun ni danda’ama. Haa tahu malee leellistoonni sirna duraanii heera kanatti gammadoo hin turre. Maqaan sabaa fi sab-lammootaa dha’amuu fi mirgi isaanii kabajamuu arguu fi dhaga’uu kan hin feene gareen kun, mootummaa keessatti of ijaaranii heera kana bal’eessuuf yaalii guddaa godhaa turan; ammas itti jiru.

Haala kanaan sirna isaaniif bakka guddaa kennu, bilxiginnaa keessatti ijaaramuudhaan, maqaa dhaabbata qorannoo imaammata Itoophiyaa jedhuun akka waan qorannoo geggeessaa turaniitti, keeyyatoota heera mootummaa Itoophiyaa fooyya’uu qabu jedhan Caamsaa 16, 2023 miidiyaalee mootummaatiin ifoomsaniiru. Kana jechuun yaadni keeyyatoota kana fooyyessuu garee maqaa dhaabbataa moggaafatee as baheen qofa adeemsifamaa kan jiru miti. Yaadni kun kan murna aangoo irra jiruu, kan bilxiginnaas hammatu tahuu isaa ti. Bilxiginnaan leellistoota sirna duraanii irraa akka ijaaramee fi ilaalcha isaanii kan tarkaanfachiisu tahuu jalqabuma hundeeffama isaa irraa eegaluun hayyoonnii fi qabsa’onni hedduun himaa turuun ni yaadatama. Qabatamaattis waan sirna leellistoota duraanii hojiidhaan agarsiiseera bilxiginnaan. Kan ammaa kunis sanuma jabeessa.

Sirna caaseffama bulchiinsaa, alaabaa fi imaammata sirna nafxanyaa duriitti akka deebi’u kan gaafate gareen kun:-  keeyyatni 8 heerri biyyattii kan waa’ee birmadummaa sabootaa fi sab-lammootaa dubbatu, asxaa biyyaalessaa, daangaa naannolee sabdaneessummaa bu’ureeffatee tolfame, mirgi hiree ofii ofiin murteeffachuu hanga foxxoquu – keeyyatni 39, paartii siyaasaa sabaan ijaaruun, dhimmi bulchiinsa magaalaa Finfinneetis akka fooyya’u  ykn akka haqamu gaafatan.

Akka waan bara 2007 (Yeroo lakkoofsa manaa fi ummataa) irraa eegalee, ummanni keeyyatoota kana mormuudhaan akka fooyya’uuf ykn haqamuuf gaafataa  turee fakkeessanii akka qorannootti fedhii isaanii kan sirna nafxanyummaa deebisuuf qaban miidiyaalee mootummaatiin calaqqisiisaniiru. Sabaa fi sab-lammoota 83 keessaa 41 keeyyatoota kanneen akka mormanii fi nuuf fooyyessaa jedhanii akka gaafataniitti kijiba dhiheessee jira gareen kun.

Alaabaa ‘lummuxxii’ fi sirna bulchiinsa abbaa lafaa durii nuuf deebisaa jedhee ummanni gaafatu hin jiru. Sirna durii san yeroo yaadatu ummanni dhalachuu isaa iyyuu abaaraa jiraata. Caaseffama bulchiinsaa kan naannolee jibbee, kan kutaalee bulchiinsaa bara Hayilesillaasee (kifile Haagerii) dhaan buluufis sabni ykn ummanni gaafate tokko illee hin jiru. Warri kana hawwuu fi ammas heera mootummaa akka bara saniitti deebisuuf ifatti carraaqqii eegale, warra sirna nafxanyaa leellisanii fi booddessitoota dha.  Faayidaa abbootii fi akaakileen isaanii argachaa turan warra dhabetu hamuummachaa jira. Olaantummaa saba tokkoo, jechuun olaantummaa Amaaraa fi saboonni kaan akka lammii lammaffaatti, ykn warra qotee maatii nugusootaa sooru akka tahee jiraatu warra hawwuu dha. Amantaa fi afaan tokko qofti mootummaadhaan labsamee akka kabajamu, kanneen biroo akka abaaramanii fi akka badan warra fedhuu dha. Alaabaa ‘lummuxxii’ kan mana amantaa tokko irratti fannifamu, saba tokkoo fi afaan tokko qofaaf kan dhaabbate mirmirsuu warra baretu heera mootummaatiin kana raggaasifachuuf ifatti as ba’e.

Heerri mootummaa Itoophiyaa bara 1991 labsame kun, Finfinneen Oromiyaa keessatti waan argamtuuf akka Oromiyaan faayidaa addaa irraa argattu dubbata. Leellistoonni sirna duraanii fi booddessitoonni kun garuu kanuma illee gubatu. Gaaffiin Oromoo garuu kanas miti. Haqni Oromoon barbaadu, faayidaa addaa Finfinnee irraa argachuu miti. Finfinnee matuma ishee barbaada. Finfinneen, magaalota Oromiyaa biroo kanneen akka: Adaamaa, Asallaa, Ciroo, Naqamtee, Fichee fi Yaaballoo faa irraa adda miti. Akkuma isaanii Oromiyaadhaan buluu qabdii dha gaaffiin Oromoo. Finfinnee maqaa bulchiinsa federaalaatiin alagaan koloneeffatee bulchee, maqaa faayidaa addaa irraa argattu jedhuun waraqaa irratti katabee kan ittiin ormi isa gowwomsuu yaalu Oromoon hin fudhanne; hin fudhatus. Booddessitoonni kunneen garuu kanuma illee guddaa godhaniitu, Oromiyaan faayidaa addaa Finfnnee irraa argachuu hin qabdu jedhanii waraqaa heera mootummaa kana irraa haquuf abbalu. Oromoon ammas hanga guutummaatti Finfinnee bulchiinsa Oromiyaa jalatti deebisutti qabsoo isaa abadan addaan hin kutu.

Booddessitoonni, naannolee fi bulchiinsi godinaalee maqaa sabaatiin daangeffame baduu qaba jedhanii keeyyata san jijjiiruuf as ba’an. Oromoon ammoo biyya isaa Oromiyaa, kan sirna  kolonii nafxanyaatiin dhuma jaarraa 19ffaatti weeraramte bilisa baasuuf qabsoo hadhooftuutti jira. Biyya isaa abbaan barbaade as butee achi siiqsee sararuufii hin danda’u. Oromoon biyya isaa walaboomsee daangaa isaa duraanii kabachiifatee sirna isaaf tahuun buluuf qabsootti jira. Booddessitoonni garuu, ‘kifle haager‘ dhaan impaayerattiin caaseffamtee maqaan Oromiyaa akka baduuf akkuma ifaajaa turan, ammas heera mootummaa irraa maqaa Oromiyaa haqanii caaseffama bulchiinsa bara Hayilesillaasee deebisuuf dhama’uutti jiru. Kaayyoon heera mootummaa fooyyessuu jedhu kunis bu’uurri isaa kana dha.

Akkasumas, paartileen siyaasaa, maqaa Itoophiyaatiin malee maqaa sabummaatiin ijaaramuu hin qaban kan jedhuun heera mootummaa haqanii laaquuf ifatti ba’anii dubbachuutti jiru. Maqaa Itoophiyaatiin ijaaramnaan, paartiin siyaasaa sun olaantummaa Amaaraa, kan isaan barbaadan san leellisaaf jechuu dha. Isaan kanneentu maqaa heera mootummaa fooyyessuu jedhuun jecha jijjiiratee dhufe.

Kun abjuu tahee hafa malee sichi abadan dhugoomuufii hin danda’u. Oromoon heera mootummaa kan isaan haqanii laaquuf jedhan kanaaf wabii tahuuf falma osoo hin taane, warra haqa Oromoo awwaaluuf ifaajan, warra qabsoo Oromoo lafee fi dhiiga gootota qaqqaalii kitilaan lakkaawamuun as gahe duuba deebisuu yaadan kamuu of duraa maqsuuf qabsoo isaa daran jabeessee itti fufa.

Kaayyoo xaliila gootonni qaqqaaliin kumaa fi kitilaan itti wareegamanitti warra danqaa tahaniif Oromoon araarama hin qabu. Booddessitoota, kanneen sirna nafxanyaa deebisnee, heera isaanii barreessinee ittiin isin gabroomsinee bulchina jedhu Oromoon fudhatu tokko illee hin jiru. Sabootni fi sab-lamoonni impaayerattii keessaas gabrummaa ammayyaa yeroo of irraa buqqisuuf qabsoo geggeessaa jiranitti, lakki; gabrummaa duriitti isin deebisna warra jedhu gonkumaa hin dhaggeeffatu; hin dhagahus.

Sirna sin gabroomsa jedhu kamuu of irraa fonqolchuu dha. Oromoo fi saboonni cunqurfamoon hiree Oromoo qaban, booddessitoota sirna duraanii leellisanii fi gabroomfattoota ammayyaaf osoo yeroo hin kenniin, qabsoodhaan of irraa kaasanii bilisummaa,  walqixxummaa fi mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu kabachiifachuun yeroon isaa amma. Fuulduratti malee duubatti kan deemu hin jiru. Biyyaa ofii irratti hiree ofii ofiin muteeffatanii bilisummaa fi nagaadhaan jiraachuuf qabsoo jabeessuu qofatu furmaata dhumaa ti.

Kanaaf Oromoo fi saboonni cunqurfamoon impaayerattii hundi, booddessitootaa fi leellistoota sirna nafxanyaa kannneen akka salphaatti ilaalee bira dabruu hin qabu. Deebii hatattamaa kennuufii qaba. Imala qabsoo isaa fuulduratti tarkaanfataa jiru milkeessuuf, booddessitoota kanneen of duraa buqqisuun dirqama taha.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO