Gantootni Qabsoo Oromoo fi Biltsiginnaan Oromoof Gaarii Yaaduu Hin Danda’an!

Gantootni Qabsoo Oromoo fi Biltsiginnaan Oromoof Gaarii Yaaduu Hin Danda’an!

Murni kun itti fufuun marii isaanii kana yeroo gabaafatan; Oromoon dinagdeedhaan akka guddatu irrattis mari’anne jedhaniiru. Kaabinoonni, qaamoleen nageenyaa fi caasaan murna bilxiginnaa saamicha irratti bobba’anii jiraatan dinagdee dhuunfaa isaanii yoo tahe malee, ummata halkanii fi guyyaa saamaa jiran kana dinagdeedhaan guddisna yoo jedhan xiqquma illee hin qaanfatan.

Gantootni Qabsoo Oromoo fi Biltsiginnaan Oromoof Gaarii Yaaduu Hin Danda’an!

Yeroo garagaraatti namoonni irbuu seenan haalanii, imaanaa jaallan isaanii nyaatanii, kaayyoo gootonni qaqqaaliin itti kitimaman gananii, mooraa qabsoo keessaa bahuudhaan diinatti galan hamilee ittiin Oromoof dubbanna jedhan hin qaban. Dantaa dhuunfaa isaanii fi ergama diinni isaaniin bite isaanitti kenne qofa dubbatu, hojjetus.  Waan haqa Oromoo dubbachuu guyyuma mooraa qabsootii gananii bahan san itti dhiisan.

Diina guyyuu ilmaan Oromoo ajjeesaa oolu waliin duula Oromoo irratti geggeeffamu keessatti hirmaachaa osoo jiranii haqa Oromoo dubbanna jechuun, Oromoo sobanii ajjeesuu, gidirsuu, saamuu fi cunqursuudhaaf daran haala aanjeffachuu dha.

Dhihoo kana gantoonni qabsoo Oromoo kunneen murna bilxiginnaa waliin walitti qabamuudhaan dhimma Oromoo irratti akka marii geggeessan himatu. Ispoonsarummaa dhaabbata gargaarsa Amerikaa (USAID) fi Yunivarsiitii Madda Walaabuutiin marsaalee afuriif magaalota Oromiyaa adda addaa keessatti marii godhachuu kan gabaafatan murnoonni kun, dhimma dinagdee fi tokkummaa Oromoo irratti mari’anne jedhu. 

Tisiisni damma dammeessuu hin yaaddu; namni titiisa irraa damma eeggatu illeen hin jiru. Murna Oromoo kutaa fi amantiidhaan walitti buusee umrii sirna bittaa isaa dheeraffachuuf ifaajaa turee fi amma illee itti jirutu haala tokkummaa Oromoo irratti marii geggeessine jedhee himata. Haala ittiin tokkummaa Oromoo laaffisanii aangoo irratti of tiksan irratti mari’atan yoo tahe malee, murni Oromoo ajjeesuu hojii idilee godhate tokkummaa Oromoo abadan hin yaadu. Akka Oromoon waggaa kuma tokkoof hin kaanettin cabsa warra jedhetu, waan tokkummaa Oromoo jabeessuu irratti mari’ata jedhanii yaaduun gonkumaa waan hin taanee dha.

Murnoonni mooraa qabsoo Oromoo keessaa gananii bahanis har’a dhaaba kaleessa keessaa bahanitti if yaamuu hin danda’an. Ifatti bilxiginnoomanii aangoo fi gita hojii fudhataniiru. Martinuu bilxiginnaa dha. Bilxiginnaan ammoo mataa diina Oromoo ti. Diinni Oromoo afaaniin sobee Oromoo faarsuu mala. Siyaasa ittiin ummata burjaajessee yeroo bitatu fayyadamuu danda’a. Kun ammoo amaluma gabroomfataa ti. Garuu gochi tokkichi jechoota kuma caala akkuma jedhamu, murni ilmaan Oromoo manaa baasee rasaasa itti roobsuudhaan akka hin awwaallanne illee maatii dhorkee reefka bineensa nyaachisu jechoota gaggaarii kumaatamaan Oromoo faarsu illee, gochi isaa dirree irratti mul’atu maalummaa murnichaa isa dhugaa sirriitti ibsa.

Murni kun itti fufuun marii isaanii kana yeroo gabaafatan; Oromoon dinagdeedhaan akka guddatu irrattis mari’anne jedhaniiru. Kaabinoonni, qaamoleen nageenyaa fi caasaan murna bilxiginnaa saamicha irratti bobba’anii jiraatan dinagdee dhuunfaa isaanii yoo tahe malee, ummata halkanii fi guyyaa saamaa jiran kana dinagdeedhaan guddisna yoo jedhan xiqquma illee hin qaanfatan.

Lafa qonnaan bulaa irraa fudhachaa, maallaqa callaa kiishaa fi mana keessaa butaa,  manaa fi qabeenya Oromoo ibiddaan mancaasaati waan guddina dinagdee ummata Oromoo mari’anne jedhu. Isaan qabeenya Oromoo saamanii abbaa gamoowwan hedduu fi konkolaattota baay’ee tahaniiru. Miliyeenaroota dha. Abbootii qabeenyaa, abbootii warshaa fi dhaabbilee daldalaa guyyaatti milyeenota hedduu galchan  warra qabanii dha. Kana mara ummata saamanii, ajjeesanii fi qe’ee irraa buqqisanii, dhiigaa fi imimmaan qonnaan bultoota, daldaltootaa fi hojjettoota mootummaatiin tujjaaran.

Qonnaan bulaan Oromoo xaa’oo akka hin arganne illee gochuudhaan, irra guddeessi lafa qonnaa Oromiyaa keessaa oomisha malee ganna ba’uutti jira. Xaa’oo qonnaan bultoota Oromoof dhufe gurguratee warra ittiin wuskii dhugutu ummata Oromoo dinagdeedhaan guddisuu yaadaa?  Qonnaan bulaa hanqina xaa’oof saaxilee beelaaf qopheessaa dhimmi Oromoo dinagdeen badhaadhuu akkamiin yaadama? Dinagdeen Oromoo guddisuun kanaa ree?

Walumaagalatti waan isaan dhugaan mari’atanii fi kan isaan gabaasan guutummaatti walii faallaa dha.

Oromoon gochoota bilxiginnaatiin madaa’ee dhukkubsachaa jiru jechoota kijibaa isaaniitiin sobamuu hin danda’u. Diinni diinuma, fira tahuu hin danda’u. Jechoota kijibaa isaanii dhaggeeffachuu bira dabree gochoota farrummaa isaanii of irraa qolachuutti jira Oromoon. Murna kana of irraa diigee hanga sirna ofii dhaabbatutti qabsoon duubatti hin deebitu.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO