Mootummaan Bilxiginnaa qulqullina barnootaaf xiyyeeffannoo hin laanne…
Imaammatni Barnootaa Qulqullina Hin Qabne, Qulqullina Qormaataa Hin Argamsiisu
Itophiyaa keessatti imaammatni barnootaa dadhabaa akka ta’e baroota dheeraadhaaf lallabamaa ture. Imaammatni barnootaa kun biyya tokko keessatti naannolee bulchiinsaatti akka adda addaatti hordofama; hojii irras oola.
Naannoo tokko keessatti imaammatni barnootaa kun jabaa fi deggersa guutuu yoo qabaatu, kanaan walqabatees qulqullinni barnootaa sadarkaa olaanaatti eegamuu irraa, barattootni barumsa isaanii irratti ga’umsa qabu. Oggaa qormaataas waan isaan yaaddessu hin jiraatu.
Naannolee kan biroo keessatti ammoo imaammatni barnootaa kun akka feetee waan ta’eef, laafaa ta’uu irraa, qulqullinni barnootaa baay’ee gadi bu’aa dha. Iddoo tokko tokkotti ammoo inumaayyuu hin jiru. Kana irraa barattootni barumsa irratti hir’ina guddaa fiduu qofa osoo hin taane, qormaata irratti rakkoo/danqaa gugurdaa seenan.
Akka Oromiyaatti imaammatni barnootaa jiru hordoffii kan hin qabne, laafaa, qulqullinni barnootaas haalaan dadhabaa ta’uu irraa barattootni qabxiilee barnootaan jajjabaatan haga baay’ina barattoota Oromiyaan wal hin badaalu. Hir’inni manneen barnootaa, barsiisotaa, dhiheessii adda addaa fi hordoffii waan jiruuf, haalli baruu fi barsiisuu Oromiyaa keessaa danqaa keessa jira. Kun yeroo dheeraadhaaf barattootaanis, maatii barattootaanis, darbees barsiisotaa fi hayyotaan iyyamaa ture. Imaammata barnootaa dhaloota ajjeesu malee, kan dhaloota qaru akka hin diriirre ibsamaa ture.
Sirni amma dhufe Bilxiginnaanis imaammata kana hundee irraa waan wayyeesse hin qabu. Innis waan sirna isaa waliin deemu kalaquun imaammata haaraa as baasuu malee, waan dhaloota ajjeesaa ture kana hundee irraa furuutti hin fuulleffanne. Hojiin sirna kanaas waanuma mul’ataa jiru kana dha.
Waajjirri Ministeera Barnootaa Bilxiginnaa qulqullina barnootaa to’achuu irra qulqullina qormaataan to’adha kan jedhuun barattoota kutaa 12ffaa seensa Yunversitii olii gadi ari’uun burjaajessaa jira. Sammuu barataa jeeqee, joorsee tasgabbii fi hubannaan qorumsa akka hin fudhanne godhee jira.
Haga ammaatti barattoota konkolaattota fe’umsaa fi Autobusootaan Oromiyaa keessaa olii gadi ari’aa jiruun balaan dhaqqabe guddaa dha. Maatii barattootaa barootaaf itti dadhabanii asiin ga’an gadda, rifaasuu fi boqonnaa sammuu dhorkee jira.
Godinoota Arsii fi Jimmaa irraa qormaata kanaaf kan fe’amanii sochii irra turan balaa konkolaataaf saaxilamanii hedduun isaanii qaamaa hir’ataniiru; maatiin jeeqameera. Balaa fakkaataan iddoo adda addaatti akka mudates fageenyaa fi hir’ina Networkii irraa hin dhaga’amin malee akka jiru ifaa dha.
Wallaggaa Yunversitii keessatti barattootni qormaata kanaaf walitti guuraman haalli isaan itti qormaata kanaaf qopheeffaman hamaa ta’uun ibsameera. Dhiheessiin nyaataa ga’aan hin jiru. Kanaan alatti Onkoloolessa 08,2022 nyaata faalame nyaachisamuu irraa balaan lubbuu ofii dhabuu fi qaamaa miidhamuu isaan mudateera. Barattootni lama sababa kanaan lubbuu isaanii yoo dhaban, hedduun gaggabuun Hospitaalatti guuramaniiru.
Kaleessuma kana Onkoloolessa 10,2022 Riqichi mooraa guddicha Yunversitii Hawaasaa fi mooraa Teknolojii walquunnamsiisu jigee barataan tokko yoo du’u, barattoota hedduu irra ammoo miidhaan dhaqqabeera. Akka maddeen jedhanitti balaan kun kan dhaqqabe barattootni heddummaatanii riqicha kana irra yeroo dheeraa dhaabbatanii sakatta’amaa turuu irraa ti. Balaa dhaqqabe kana hordofee barattootni mooraa Yunversitii Hawaasaa gadhiisanii akka ba’anii fi deemsi qormaaticha fudhachuu gufatuu addeessu.
Onkoloolessuma 10,2022 kaleessa halkanis Yunversitii Jijjigaa keessatti qormaata kanaan walqabatee jeequmsi dhalchuu fi barattoota irra miidhaan ga’uu maddeen Jijjigaa ibsaniiru. Barattoota gidduutti walitti bu’iinsi dhalachuu, kana hordofees poolisootni barattoota irratti tarkaanfii fudhatuu isaanii ti kan ibsame.
Dur-hin-jirree fi barattoota irratti jeequmsa, duula qor-qalbii fi sabataawanii waanuma baratan sanaaf qormaataaf akka hin taanye Waajjirri Ministeera Barnootaa sirna Bilxiginnaa golgaa qulqullina qormaataa jedhuun duula ulfaataa barattoota irraan ga’eera. Kana keessatti hunda caalaatti kan miidhamee fi miidhamaa jiru barattoota Oromoo ti.
Mootummaan Bilxiginnaa qulqullina barnootaaf xiyyeeffannoo hin laanne, maqaa qulqullina qormaataa eeguu jedhuun, barattoota akka midhaaniitti konkolaataatti fe’uun karaan bututchee, qorqalbii isaanii miidhuun gamatti, balaa lubbuu baasuu fi qaamaa hir’isuu irraan ga’eera; hawaasa keessattis rifaatuu fi naasuu uumeera.
Sagalee Bilisummaa Oromoo












Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *