Find out why this headphone is superb
- SUUR-SAGALEE
- July 6, 2014
Sagalee Bilisummaa Oromoo

ODUU, Amajjii 14/2024 Dilbata darbe hidhattootni PP Ona Saasiggaa ganda Waataa keessaa namoota 50 ol ukkaamsuun haga ammaa garrii geessan hin beekamin jiraachuu jiraattotni SBOtti himaniiru. Dhimma kana irratti jiraataa Ona Saasiggaa dubbisnee jirra.
Kibba Baha Oromiyaa godina Arsii Bahaa Ona Xiyyoo ganda Boree Cilaalootti maneen ummataa Waranni Biltsiginnaa gube irratti marii jiraatota naannoo fi Bulchaa Ganda Boree Cilaloo Obbo Yiisuu Turee waliin goone ammoo Xumura qophii keenya har’aa ti.
READ MORE
ODUU, Kibba Lixa Oromiyaa Godina Bunnoo Baddallee Ona Cawwaaqaatti rakkoo waraanni mootummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa jedhamu ummata irraan Gahaa Jiru irratti ummatni komii qabu dhageessisaa jira.
Haleellaa hidhattootni mootummaa fi finxaaleyyiin naannoo Amaaraa Faannoon Amajjii 16, 2024 Godina Wallagga Bahaa Ona Amuruu keessatti ummata irratti raawwatan ilaalchisuun gaaffii fi deebii jiraataa Ona Amuruu waliin
READ MORE
Sudaan murtee kana kan murteessite walgahii adda taโe IGAD osoo mootummaa Sudaan dursee hin beeksisin qopheessee fi marii kana irratti hogganaa hidhattoota Sudaan walgahii Kaampaalaatti geggeeffamu kana irratti afeeruu hordofee akka taโe maddeen gabaasaniiru.
READ MORE
Itophiyaan Somalilaandiif beekamtii kan kennituu fi buufata doonii kan ijaarrattu yoo taโe Somaaliyaan waraana eegaluuf qophaaโuu gorsaan piresidaantii Somaaliyaa dubbatan
READ MORE
Waliigaltee buufata galaanaa mootummaa PP fi mootummaa Somaliland gidduutti irra gahameen walqabatee muddama dhalateen, baqattoota Oromoo fi kanneen biroo Somaaliyaa jiran irra miidhaan akka hin geenye, eeggannoon godhamuufii akka qabu, muddamni siyaasaa haaraan dhalate kunis yeroo fi hatattamaan furmaata karaa nagaa argachuu akka qabuuf qaamotni dhimmi ilaalu hundi irratti hojjechuu akka qaban, Waajjirri Damee Hariiroo Alaa ABO ibsa Amajji 07, 2024 baaseen gaafatee jira.
Kaaba Oromiyaa Godina Walloo keessatti lola balโaa finxaaleyyiin Faannoo fi loltootni mootummaa PP Oromoo Walloo irratti bananii jiraniin walqabsiisee ABOn Ijoo Dubbii Amajjii 05, 2024 baaseen Lola deddeebiin ummata keenya irratti banamee lubbuu qulqullootaa galaafatuuf kan itti gaafatamu mootummaa PP ti jedheera.
READ MORE
ODUU, Godina Hoorroo Guduruu Wallaggaa Ona Hoorroo Bulluqitti finxaaleyyiin Amaaraa babalโifannaa lafaa fi saamicha qeโee fi qabeenya Oromoof bobbaโan qonnaan bulaa Obbo Taaddalaa Tarfaasa gaafa 19, 05, 2016 A.L.I tti bakka loon isaa bobbaafatee jirutti ajjeesanii akka biraa deeman ilmi isaanii Abbabaa Taaddalaa SBOtti himee jira.
Gaaffii fi deebii miseensa hoogganaa ABO Jaal Dhugaasaa Bakakkoo waliin goone kutaa lammaffaa fi xumura
READ MORE