Find out why this headphone is superb
- SUUR-SAGALEE
- July 6, 2014
Sagalee Bilisummaa Oromoo

ODUU, Gargaarsa midhaan nyaataa addaan kutuun miidhamtoota siโa lama adabuu fi duuti mana miliyoonotaa akka seenuuf carraa banuu dha; mata duree kana jalatti akka ijoo dubbiitti barruu qophaaโe Addis Standard irraa argannee fi Kibb-baha Oromiyaa Godina Arsii Lixaa keessatti maqaa WBO deggertu jedhuun ummatni gaaga’amaa jira. Kana irratti namoota dubbisne qabna.
READ MORE
Dureewwan Orthodoksii Naannoo Tigraayi murtii Qulqulluun Sinodoosii Mana Kiristaanaa Orthodoksii Tawahidoo Itophiyaa dabarse akka hin fudhanne beeksisan.
READ MORE
Labsiin yeroo hatattamaa kun akka dabarfamu kan murteeffame aangaโoonni feederaalaa fi naannoo Amaaraa nageenyi naannichaa hidhattoota Faannoon booraโaa jiraachuu ibsuu hordofee akka taโe maddeen gabaasaniiru.
READ MORE
ODUU, Qophii haala yeroo irratti hundaa’ee fi Dinagdee fi Qabeenya irratti hubannaa ummata Oromoo kan jedhu xiinxala Jaal Ayyaanaa Goobanaa kutaa lammaffaa fi xumura
READ MORE
ODUU, Gdiraa fi roorroon Oromoo irra gahu daran hammaataa, bultii irraa bultiitti cimaa deeme malee waan irraa dhaabbate hin qabu. Malaa fi bifa adda addaan cunqursaa fi saamichi, roorroo fi gidiraan, hidhaa fi ajjechaan raawwatamu guyyuu karaa hundaan daangaa isaa babalโifataa jiraachuutu argama. Oromoon kana keessummeessaa, sirna PP urursaa haga yoomiitti jiraataan gaaffii dha. Ajjeefamaa, hidhamaa fi mirga mulqamaa jiraachuu aadaa godhatuun, balaa caaluuf of qopheessuu dha. Qophiin keenya dhimma kana irratti fuulleffatu oduutti aanee isinii dhihaata.
o Dinagdee fi Qabeenya irratti hubannoo ummatni Oromoo qabu maal fakkaata kan jedhu gabroomfattootaan walqabsiisanii ibsa ykn xiinxala gabaabaa Jaal Ayyaanaa Goobanaa Miidiyaa Dhaddacha Oromoo irratti dhiheessan irraa kan arganne kutaa duraa ammoo xumura qophii keenyaa godhannee gama keessaniin geenya.
